MIME-Version: 1.0 Content-Location: file:///C:/6EC33CD1/Article1.htm Content-Transfer-Encoding: quoted-printable Content-Type: text/html; charset="us-ascii" Filmaata Biyyoolessaa Ethiopia

Filmaata Biyyoolessaa Ethiopia

Ethiopian National Election

 Abebe <= span class=3DSpellE>Bulo

 

 

Ethiopian biyyoota Baha Afirkaa jiraatan keessaa baayyina uummataan, bal’ina = lafaa, baayyina sabaabaa fi saboota ofitti hammatee jiraachuun, akkasumas baayyina afaan biyyicha <= span class=3DSpellE>keessatti dubbatamuun sadarkaa jalqabaarra kan jirtuu dha. Saboota biyya sana keessa <= span class=3DSpellE>jiraatan keessaa baayyina ummataan kanneen sadarkaa ol aanaarra jiran kan akka saba Oromoo, <= span class=3DSpellE>Amaaraa fi Tigiree maqaan dhahuun ni danda’ama. 

 

Ethiopian seenaa ishee keessatti filmaata dimookratawaa tahe geggefattee hin beektu. Mootummaa harka-xiqqeessaan bulaa turte, jirtis. Kunimmoo rakkinni mal-bulchiinsaa fi lolli akka ishee irraa hin fagaanne godhe. Waldhibdee kanaanis saboonni mal bulchiinsa <= span class=3DSpellE>biyyatti irraa dallansuu qaban Ethiopia irraa= adda ba’anii mootummaa mataa ofii  dhaabbachuuf mootota Ethiopia dhufanii darban waliin falma gochaa turani, jirus. Haal= uma kanaanis ummatni Eritrea f= i Djibouti kanneen Ethiopia = irraa adda ba’anii = mootummaa mataa ofii dhaabbatan yoo ta’u, yeroo ammaa kanatti ammo ummanni  Oromoo, Ogaade= nii fi Kibba Ethiopia <= span class=3DSpellE>jiraatan Ethiopia irraa <= span class=3DSpellE>adda ba’uuf ykn malbulchiinsa walqixxummaa sabootaa hunda irratti hundaa’e argamsiisuuf sirna = dimokiraasii biyatti keessatti babali’suu yaada jedhuun mootummaa amma aangoorra jiru waliin wal lolaa jiru. Baayyinni lolaa, naga dhabiinsii fi tasgabi hanqinni biyyacha keessatti = babal’atee jirus ummatichi qalbii isaa gara misoomaatti akka hin naanneffanne waan godheef ummatichi balaa uumaamaa, dhukkuba dadarbaa fi beela irraa of ittisuu irratti = guutummaatti walaba ta’uu hin dandeenye.

 

Seenaa biyya sanaa keessattis Caamsaa = 17 bara 2005 filmaanni biyyoolessaa biyya sana keessatti gaggeeffamee ture, yeroo jalqabaaf ummanni biyyichaa kan barbaade filachuuf carraa kan kenneef ture. Filmaata kana irrattis mootummaan aangoorraa jiru fi mormitootni hangi murta’e irratti kan hi= rmaatan yoo ta’u, taajjabdootni biyyoottaa = fi dhaabbata adda addaarraa dhaqaanii= filmaaticha taajjabaniiru.    

 

Caamsaa 17 bara 2005 Filmaanni biyyoolessa= a gaggeeffamee ture <= span class=3DSpellE>ummanni biyyichaa mootummaa biyya bulchaa jiruu fi paartilee mormitootaa muraasa keessaa kan barbaadan filachuuf carraa kan kenneef ture. Filma= ata kana taajjabuufis paarlaamaa Europe (Auropa), Carter Center fi biyyoota adda addaa irraa namoonni dhuunfaa <= span class=3DSpellE>fi jaarmayoota adda addaa bakka bu’anii argamanii turanis filmaatichi walbaa fi dimokiraatawaa ta’uu isaa labsan. “Seenaa Ethiopia keessatti, uummatichi sirna haqaa fi dimookratawaa taheen bulchiinsa <= span class=3DSpellE>ofii filachuuf carraa argattejedhanii deemsa filmaatichaa dhaadhessan.=

 

Haa t= a’uyyuu malee mootummaanis = anatu moo’e jedhee labsuunii fi mormitootnis nutu moo’e jedhani labsuun firii filmaatichaa hiika dhorkuun haalli uumameen abdiin dimokiraasiin biyyattii keessatti dimimmisaa’uu jalqbe deebi’ee dhaamuu isaa ifa taasise.

 

Miseensonni paartii mormitootaa fi deeggartootni isaanii baayyeen qabamanii hidhaman, baayyinaan kan lakkawamanis hiriira ba’an irratti ajjeefaman. Namoonni baayyeenis biyyaa ba’anii koolu galtummaaf taasifaman. Haalli kun hundi yeroo ta’u mootummoonni aanga’oon kanneen akka Amerikaa fi Tokkummaan Auropa gochaa mootummaa fi mormitootni raawwatan balaaleffachuurra darbee, dimokiraasiin dimimmisaa’ee ture = akkamitti ifee hojiirra oolu qaba isa jedhu irratti tarkaaniifii isaan fudhatan hin turre.

 

 Akkas taanaan ummanni biyyoota addunyaa <= span class=3DSpellE>sadaffaa keessa jiraatan akkamitti bulchiinsa dimookratawa <= span class=3DSpellE>tahee ofiin filatanii ittiin of-bulchuu <= span class=3DSpellE>danda’uu?

 

Filmaatni biyyoollessaa Caamsaa 17 bara 2005 Ethiopia keessatti geggeef= fame, hanqinaa fi hirrina qabatuus, itti-gala filmaaticha kan ture, murteen yookin sagaleen uummataa utuu kabajameera ta’ee deemsa = biyyattii dimookratessuu = dheeraa sanaaf eegaltii gaarii taha ture.