|
Inside this issue:
|
Baafata
Xalayaalee.....................................2
Oromia baatii 3n darban keessa.......6
Gola Kitaabotaa..............................8
Ilaalcha.........................................12
Oromoo fi dargaggoota...................15
Goota biyyaa..................................16
Adurreen keessa bineensa...............18
Walaloonii fi
barreeffamni adda addaas kessatti hammatamee jira.
|
|
Barruleen Burqaa Hudhaa 3 lakkoobsi 2ffaan
magaalaarra jira. Maxxansi kunis akkuma maxxansaalee Burqaa
darbanii mata duree adda addaa jalatti haala qabatamaa qabsoon
bilisummaa Oromoo keessaa alaa irra jiru irratti qiyyaafatee kan
qophaa’ee dha. Maxxansi kun ijoo dubbii qabatee ba’e keessaas
kan armaan gadii muraasa. |
|
"Oromia baatii sadan darbanitti "
M ata
duree jedhu jalatti barreeffamni suuraan deeggaramee gabaasaa
Burqaa irraa Finfinneetii nu ga’e, haala Oromoo fi Oromian
baatii sadan darban keessa keessa turanii fi jiran gad
fageenyaan agarsiisa. Diddaan fincilli garbummaas sadarkaa inni
irra ga’ee jiru qabatamaan isinitti mul’isa.

Obbo Odaa Xasee
|

Barattoota Oromoo Hiriira irratti
Fincila ummataa kana boodaan sagaleen Waraana
Bilisummaa Oromoo dhaga’amuu dhabuun maalif? Fincilli Ummataa
Qawween yoo hin deeggaramneef hangam deemuu dada’a? Dhimma
Fincila diddaa garbummaa biyya keessaa deemaa jiruun wal qabatee,
gaaffilee murteessaa ta’an muraasaaf deebii akka nuuf kennaniif
, Miseensa GS ABO fi itti Gaafatamaa Birkii Beeysisa Alaa ABO
kan ta’an obbo Odaa Xasee waliin gaaffii fi deebii gabaabaa nuti
goones gaaffilee adda addaa sammuu keessa isin naanna’aniif
deebisa ta’a jennee abdanna.
Guutummaa isaa dubbisuuf as xuqaa
|
|
Goota
Oromoo
Mata
duree Goota Oromoo jedhu jalatti Seenaan J. Waaqoo Guutuu, Dr
Mahammed Hasaniin qophaa’ee jirus, J. Waaquu guutuu deemsa
qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gahee isaan qabaatan, Isa
isaan keessa turanii fi keessa darban, hawwii fi fedha isaanii
gad fageenyaan hubannaa isiniif kenna. Waa’ee J. Waaqaa
ilaalchisee akkas jedhu Dr Mohammed
Jeneraal Waaqoo Guutuu nama qabsoof dhalatan
fakkaatu. Qabsoof jecha qabsicha keessa jiraatani. Qabsichis
eenyummaa isaanii isa dhugaa qaree, eenyummaa isaaniif hika
kennee, qulqullina dandeettii isaan lammii isaanii geggeessuuf
qaban mirkanneesse. Jeneraal Waaqoon walabummaa mararfachuu
irraa kan ka’e jireenya isaanii harka caalaa walabummaa saba
Oromoof gummachani. Kaayoon isaanii inni guddaan saba Oromoo
hacuuccaa gabroomfattootaa, saamamuu qabeenyaa, fi ukkaamamuu
mirga fi haqaa irraa baraaruu ture...
Itti fufa
|
|
Kutaa
Ilaalcha jedhu jalatti "Yeroon
ammaa Seena –Qabeessa" Mata duree jedhu
jalatti barreeffamni obbo Leencoo Lataan nuuf dhihaate,
Yeroo seena qabeessa akkasii keessatti tokkoon tokkoon Oromoo
irraa maal akka eegamuu fi walii gala deemsa qabsoo keenyaa
irratti xiyyaafatee kan dhihaatee dha.
Akkas jedhu:
"...Fincilli
kun baatiiwwaniif deemuun isaa, yeroon ammaa seena-qabeessa
ta’uu mirkaneessa. Ummanni keenyas aadaa demokraatawaa abbootii
isaa hangam akka yaadatuu fi deebisee gadi dhaabuudhaaf akka
dharra’u ifa baase. Kun nama boonsa. Guddaas nama gammachiisa.
Cillaaffannaan nama
gaddisiisanii fi nama qaanfachiisanis yeroo ammaa kanatti
mul’achaa akka jiran wal hubachiisuun barbaachisaa dha. Yeroo
ummanni keenya sirna ol aantummaa Habashaa dhabamsiisuu irratti
bobba’ee jiru kanatti, murnoonni Oromoo garii cillaaffannaa
faallaa mul’isaa jiru.Qabsoo wareegama Oromoota hedduutiin
belbelaa jiru kana "hogganuu kan danda’u ana malee hin jiru"
jedhanii wal dorgomaa jiru. Qabsichatti yaadaan, beeladaadhaan,
hamileedhaan gumaachaa hin jiran. Afaaniin qofa of dhaadanii
hogganummaa qabsoo kanaa booji’uu irratti qofa fuula
deebifatanii jiru. Akkanaanis tokkumma ummanni wareegama
gudddaadhaan mirkaneessaa jiru diiguu irratti bobba’aa.....
|
|
Kutaa
"Gola Kitaabotaa"
jalatti
Kitaaba The Oromo: An Ancient People, Great African nation
mata duree jedhuun afaan Faransayiin waggaa 105 dura
maxxanfamee dhiheenya Dr Ayelew Kannon afaan Ingiliziitti
hiikamee maxxanfamee ba’e filannee jirra. Dr Ayelew kitaaba kana
ilaalchisee ijoo dubbii isaa waliin wal isin barsiisu.
Itti fufa
Oromomummaa fi Dargaggoota Oromoomata
duree jedhu jalatti barreeffamni Dr Asaffaa Jaallataan nuuf
dhihaate, madaa fi Madoo mata duree jedhu jalatti
barreeffamni Asoosamaa kutaa 2ffaa obbo Baaruu Bayisaan
dhihaatee fi kan biro baayyenis maxxansa Burqaa fuula
afurtamaanuu keessatti bakka isaanii qabatanii qinda’anii isin
bira ga’uuf karaarra jiru.
Kanaafuu
namoonni maxxansa kana dhuunfatti argachuufis ta’e fuutanii
namoota naannoo keessan jiraniin nuuf ga’uu barabaaddan har’uma
nuuf barreessa.
Quba
qabaadhaa! Burqaan yeroo ammaa kanatti maxxansa dhimma Oromoo
irratti hundaa’ee afaan Oromoon ba’u isa tokkicha. Maxxansi
kunis kanin umurii guutuu jiraachuu danda’u yoo isin itti
hirmaattan qofaa dha.
Itti
fufa
Filmaata Biyyoolessaa Ethiopia
Ethiopian National Election
Abebe Bulo. Dubbisaa
|
"Adurreen Keessa Bineensa"
Mata duree jedhu jalatti haala Empayera
Ethiopia waggoota 14n darbanii ilaalchisee barreeffamni kutaa
2ffaa obbo Zalaalem Gammachuun dhihaate ijoo dubbii baayyee
qabatee kan as ba’ee dha. Barreffama kana kutaa jalqabaa
keessatti warri amma CUD jedhamanii as ba’an akkaataa isaan
dinagdeen of ijaaraa turan irratti kan qiyyaafatee ture yoo ta’u
kutaa inni lammaffaa kun ammo, Jaroonni kun waggoota kurnan
darbaniif akkaataa isaan itti maqaa NPO/ NGO adda addaan of
ijaaranii idda isaanii lafa keessa na qachaa turanii fi NPO?NGOn
kun eenyu akka isaan ta’anii fi eenyufaan akka bu’ureeffaman,
isa kanaanis bu’aa maalii akka isaan irraa argachaa turan gad
fagenyaan kan ilaaluu
Kutaa " Goota Biyyaa/ Eenyu Turan/
jedhu jalatti "Lieutenant
Mamo Mazamir(1936-1969) Amilitant Oromo Nationalist" mata
duree jedhuun seenaan Ajejaa dhibbaa Maammoo Mazamir Dr Mahammed
Hasaniin dhihaate, waa’ee Goota Oromoo kanaa qorannoo gad fagoo
qabatee jira.
Itti fufa
Jirrenyaaf Fiiguu/ Running
for Life |