|
Guddina fuula isaa 362
Gatii itti gurguramu $USD 20 + Gatii poostaa
Kan maxxanfame Amajjii bara 2005
|
Gaadiin
Kitaaba dhugaa qabatamaa bu’aa bayii qabsoo bilisummaa Oromoo
irratti hundaa’ee bifa asoosamaan kan qophaa’e yoo ta’u, kitaaba
fuula 362 qabuudha. Qabiyyee, akkaataan barreeffama isaa fi
gochaan taatoni isaa raawwatan kitaaba kana kitaabota kanaan
dura dhimma Oromoo irratti bifa asoosamaanis ta’e haala biraan
barreeffaman irraa adda kan godhaniidha. Kitaabni kun hayyoota
afaanii fi siyaasaniis kan dubbifamee madaalame ta’uusaatti
dabalatee guddinaa fi dagaagina og-barruu afaan Oromoof
hirmaannaa ol’aanaa qabaachuun isaa kan raga ba’ameefiidha.
|
|
Yaada dubbistootaa (Reviews)
“Asoosamni tokko yoo akka garaa nama raasutti qubeeffame, namni
isa dubbisuu eegale,”Kun
soba moo
dhugaa dha?’ jedhee ofi gaafachuuf
yerooyyuu hin argatu. Yaadni kun Afaan
Ingliziitiin, “The willing suspesion of disbelief” jedhama. Anis
“Gaadii” boqonnaa tokkoo jalqabee amma boqonnaa afurtamii
jahaatti boqonnaa dheeraa malee dubbisee yeroon xumuru ture
kanin
jechi armaan olii dhugummaan isaa irra deebi’ee naaf ife.
Gaadiin
asoosamummaan isaa dhugaa baayyee qabatee, isa kaleessa keessa
dabarre nu yaadachiisee, isa har’a keessa jirruu fi isa borii
nuuf
akeekuu isaa irra darbee, guddinaa fi dagaagina og-barruu afaan
Oromoof qooda
guddaa
kan gumaachuudha. Obbo Daraaraan asoosama gaarii, boonsaa fi
seena qabeessa
ta’e
akkasii qubeessee nuuf dhiheessuu
isaaf
galata qaba.”
Xilaahun Gamtaa (Dr) New york irraa
Kan itti cichinee duuneef, kan rakkanneefiif, kan itti
qaama hir’anneefii fi har’allee hawwii fi yaada isaan hudhamnee
jirruuf keessaa tokko afaan Oromoo akkas lubbuu godhatee
arguufii dha. Gaadiinis isa kanaaf ragaadha.
MX(Dr) Universiitii Haromaayaa Irraa |
“Duri yeroon asoosama
afaan ormaan barreeffamu dubbisu, og-barruun afaan Oromoo yoom
sadarkaa akkasiirra ga’alaa jedhee yeroon yaadaa turee fi haala
keessa jiru ammo ilaalu yeroon isaa gabaabaa akka hin taanetu
natti mul’ata ture. Garuu Gaadii ergan dubbiseen booda yaadaa fi
tilmaamni koo sirrii akka hin taanen hubadhe. Gaadiin akkaataan
barreeffama isaa; filannaan jechootaa isaa, waltummaa fi
qabiyyeen isaa og barruu afaan Oromoo, og barroota biroo jaarraa
20ffaa keessa barreeffaman birootti kan ol kaasuudha. Yoo
jabaatanii hojjetaniif bakka yaadan qaqqabuun fagoo akka hin
taane nuuf mirkaneesse obbo Daraaraan.”
GM(G.Pirofeseraa)
Unversity Finfinnee irraa
“Gaadii hanga
dubbisanii fixanitti boqonnaa namaaf hin kennu, lafa kaa’i, lafa
kaa’is namaan hin jedhu. Kitaaba raajiidha!”
Obbo A/C Lataa
|