Baatii sadan darban tokko keessa dubbisaan
Burqaa tokko haala maxxnasaa barrulee kanaa fi qabiyyee inni
qabatee ba’aa turee fi jiru ilaalchisee xalayaa nuuf barresseen
yaada qeeqqaa fi waan akka sirraa’u jedhee ilaalcha qabu akka
armaan gadii kanatti nuuf barreesse. Yaadni akkasii yeroo nuuf
barreeffamu isa jalqabaa ta’uu baatellee, deebiin kan ifatti
kennamuufii qabu ta’ee waan nutti mul’ateef ijoo dubbii keenya
har’aaf filane. Ijoon dubbii xalayichaas akkas kan jedhu ture.
“...Yaa qopheessitoota Burqaa! Akkuman
olitti jedhe, barrulee isin qopheessaa jirtan kun yeroo ammaa
kanatti barrulee tokkicha afaan Oromoon ba’aa jiru ta’uu isaa
caalaayyuu, qabiyyee barruleen kun qabatee ba’aa jiru, kanneen
keessaa; eenyu turan mata duree jedhu jalatti waa’ee, gootota
Oromoo kanaan dura darbanii, kutaa Gola kitaabotaa keessatti,
xiinxallii fi gaaffii isin dhiheessitan, akkasumas ilaalcha mata
duree jedhu jalatti ijoo dubbii isin kaastan kanneen an itti
gammaduu fi isin jajjabeessuu barbadu keessa hanga tokko. Haa
ta’uyyuu malee yeroo hunda ilaalcha dhaaba tokkoo fi namoota
murtaa’ee qofa dhiheessuun keessan ammo hangam bilisa taatanii
hojii gaazexeessummaa hojjettu isa jedhuuf madaalarra isin
keessisa. Dhugaa hojii Oromoo hojjettu yoo ta’eef, hog-dammaqiinsa
siyaas taliig ummata keenyaaf hojjechuuf murattanii kan kaatan
yoo ta’eef, ilaalcha gar-tokkee, hidhannaa hogganoota ABO ammaa
qofaarratti xiyyafattanii hojjettan dhiisaatii Oromoota hunda
utuu ilaalcha siyaasaan gar gar hin qoodin wal qixxummaatti
keessumsiisuu yaalaa. Nuti Oromoonni Oromummaa keenyaa fi hawwii
bilisummaaf qabnuun irra guddaan keenya yaada wal fakkaatu
qabaannellee, akkaataa Bilisummaan kun itti dhufuu danda’u
irratti ammo ilaalcha adda addaa qabna. Obbo Galaasaa Dilboo
kaleessa yeroo Hoggana ABO turee fi har’a haalli inni itti jiru
baayyee garaagara. Obbo Abbiyyuu Galataafaan kaleessa akka itti
yaadaa turanii fi har’a keessa jiran waan adda addaa akka
ta’ellee ilaalla…Maaf namoota akkasiifaaf carraa laattanii yaada
isaanii akka ibsataniif hin goone? Egaa maqaa namoota lamaan
kanaa kanin dheheef akka fakkeenyaatti malee namoonni yaada ABO
irra adda ta’an baayyeen jiraachuun isaanii dagadheen miti….”
Jechuun yaada bal’aa nuuf erge. Nus qopheessitootni Burqaa yaada,
gaaffii fi qeeqa nutti dhihaate kana akka yaadaatti fudhannellee,
qeeqni nurratti dhihaate garuu akka malee ta’uu isaa hubanna.
Sababni isaas nuti yeroo barrulee kana bu’ureessuuf kaane,
ejjennoo nuti fudhannee kaane, Barruleen kun waltajjii Oromoonni
ugguraa fi gulaalama malee kalaltiin yaada isaanii irratti wal
dabarsatan akka ta’uuf. Kanaafuu barruleen kun barrulee namoonni
muraasni afaan Oromoo guddisuuf, seenaa keenya irratti wal
yaadachiisuu fi odeessii jiru irratti wal jijjiiruuf yaadanii
bu’ureessan malee kan dhaaba kamittuu hirkatee dhaaba kamuu
miidhuuf, ykn ilaalcha tokko ol qabee kan gad qabuuf kan
dhaabbate miti.
Obbo Galaasaa Dilboos haa ta’u Obbo Abiyyuu Galataa, akkasumas
namoota kaanis barrulee kana irratti afeerree yaada, muxxannoo
fi beekumsa isaanii akka nuuf hiraniif yeroo adda addaatti
yaalii gochaa tureerra, afeerraan keenya dhageettii argatee
milkaa’uu baatell. Akkasumas namoota waa’ee qabsoo bilisummaa
Oromoo irratti hojjetanii fi ilaalchaan garuu ABO irraa adda
ta’an, akkasumas hayyoota Oromoo muxxannoo fi dandeettii adda
addaa qaban baayyees wal tajjii kana irratti afeerree akka isaan
yaadaa fi beekumsa isaanii nuuf hiraniif gaafachaa turreerra.
Haa ta’uyyuu malee namoonni keenya tokko tokko waltajii irratti
ba’anii yaada ofii ibsachuuf muxxannoo dhabiinsa haa ta’u, hojii
nuti hojjennu kana ilaalcha itti kennuu dhabuu ykn
tuffachuurraan haa ta’uu…sababa nuti hin beekneen tole jedhanii
yaada isaanii nuuf gumaachuuf fedha hin godhatan. Dhiheenyuma
kanallee maqaa qoheessitoota walgahii “Tumsa kaayyoo Bilisummaa
Oromiyaa Yeroof dhaabbatee” Jedhuun Washington DCtti qopheessan,
waa’ee walgii kanaan walqabatee gaaffii nuti dhiheessineefiif
deebii nu dhorkachuun isaanii fakkeenya guddaa tokko nuuf ta’a.
Kanaafuu dubbistootni Burqaa martinuu haala akkasii kana
akkasitti akka nuuf hubattan barbaanna.
Dhuma irrattis hog-dammaqiinsa hawwaasa keenyaa ol kaasuufis
ta’e, seenaa darbe wal yaadachiisuun, deemsa keenya har’aa
keessatti garaagarummaa ilaalchaa xixiqqaa qabnu gar tokkotti
qabannee, akkasumas hawwaasa cimaa fi abdachiisaa horachuu fi
hog barruun afaan Oromoo akka guddatu gochuuf geheen hayyoonni
keenya bahuu qaban xiqaa waan hin taaneef, hayyoonni keenya isa
kana hubatanii hojii nuti hojjennutti hirmaatanii akka nu cinaa
dhaabbataniif carraa kanaan yaamicha dabarsinaaf.

Back
|