|
Hudhaa 2 Lakko 3
Inside this issue:
Barruleen Burqaa Hudhaa 2
lakkoobsi 3ffaan kunoo magaalaarra oolee jira. Maxxansi kunis
akkuma maxxansaalee Burqaa darbanii mata duree adda addaa
jalatti dhiimmoota yeroo fi barbaachisoo ta’an irratti
qiyyaafatee kan dhihaateedha.
Oromiyaan Baatii sadan darbe kana
akkamitti turte?
Gabaasaan
Burqaa Finfinnee irraa dhimma Filmaataa dabalatee qabatamaan
sabani keenya har’a maal keessa akka jiru nuuf ibsa.
Filmaanni goyyoomsaa wayyaanee kun deemsa qabsoo bilisummaa
Oromoo irratti miidhaa maalii qaba? Oromoonni Filmaaticha
akkamitti ilaalu turan? Maaltummoo irraa baratama? Hayyoonni
keenya woo dhimma kana irratti yaada akkamii qabu? Xiinxalli
gabaabaan, yaada namoota baayyee qabatee jiru deebii ta’a.
Fuula -5-
“Silaa,
yaadichi silaa ta’ee hafe malee silaa utuu ABOn filmaata
kana keessatti hirmaate ta’ee biyyittiin yeroo ammaa kanatti
bifa akkamii qabatti inni jedhu deebisuuf gaaffii nama dhibu
ta’ee natti mul’ata. Akkuma kanaan dura bara 1991-2 arginettis
mootummaan wayyaanee olaantummaa ummataatti amantee filmaata
haqaa fi walaba ta’e gaggeessiti jechuu baadhellee ABOn bifa
kamiinuu utuu biyya keessatti kallaltiin qabsoo gaggeessa ta’ee
jechuun koo utuu akkuma warra Amaaraa kanatti filmaata kanatti
hirmaachuuf dhihaate ta’ee.. Silaa waanti armaan gadii ni
raawwatama ture..”
Taajjabaa Filmaataa Finfinnee irraa
Fuula -19-
Gola Kitaabotaa irraa
Kutaa Gola Kitaabotaa kana keessatti kitaabni The Horn of
Africa as Common Homeland. The State and
Self-Determination in the Era of Heightened Globalization
jedhamuu fi obbo Leencoo Lataan Barreeffamee dhiheenya
magaalaarra oole filmaata keenya maxxansa kanaati. Obbo
Leencoonis qabiyyee kitaaba kanaan walqabatee haala qabatamaa
deemsa qabsoo bilisummaa Oromoo yeroo ammaa, isa darbee fi isa
fuula duraa irratti yaada baayyee nuuf hiru…Nus gaaffilee adda
addaa gaafannee jirra
“Dhaaboliin Oromoo Oromiyaa bilisoomsuuf qabsoofna jedhu.
Oromiyaan bilisoomtus, ummtani Oromoo ummata olla waliin
hariiroo nagaa tahe qabaachuun barbaachisaa dha. Hata’u malee,
warri Oromiyaa bilisoomsuuf socho’anii fi warri sochii kana dura
dhaabbatan (mootummaa empaayerattii), ilaalcha ijaaraa hanga hin
qabaannetti, deemsii isaanii diigaa fi badiisa kan fidu akka
tahe barreessitu. Haa ta’uu jijjiirraa qalbii barbaachisaa tahe
kana argamsiisuufis tahe biyyattiif nagaa ummatichaaf ammo mirga
argamsiisu kana hojiin raawwachuurratti isin maaf ifatti hin
sochoonee? Gaaffii sammuuf, kan deebii itti barbaadaa turtanii
kitaaba kana barreessuun isin geessise, deebii argattan
ummatichaan gahuurratti har’a carraa fi riqicha attamii qabdu
Obbo Leencoo?”
Fuula -8-

Obbo
Leencoo Lataa
|
Baafata
Ergaa Gulaalaa.....................................2
Xalayaalee...........................................3
Gola kitaabotaa....................................8
Ilaalcha..............................................12
Og-barruu...........................................26
Eenyu Turan........................................28
Ilaalcha
”...ABOn mootumma cehumsaatti kan hirmaate, biyyattii keessatti
nagaa fi dimookrasiin yeroof argame sana keessatti carraaqanii
qabsaa’uun carraa hiree murteeffannaa ummata Oromoof argamsiisuu
ture. Hata’uu sun fashalee eega ABOn mootummaa cehumsaa keessaa
bahes, chaartera sana karatti deebisuun nagaa fi carraa hiree
murteeffanna ummatichaa argamsiisuuf hojjechuuf akka
danda’amutti ABO fi mootummaa Wayyaanee walitti araarsuuf
ifajjiin tahaa ture. Sun, bu’aa hin argamsiisin malee, eega isin
aangoo irraa buutaniis tahaa ture, ta’aa jiras. Hata’u malee
qabiyyee fi akeekni marii kan dur hoogganumaa keessan jalatti
tahaa turee fi kan amma Shaneen Gumii qabatee deema jiru
garagarumaa akkamii qabaateetu kan har’a Shaneen Gumii qabsoo
bilsiumaa ganaa jira jettanii marii araaraa dur jala hiriiraa
turtan har’a ammo dura dhaabbachuu eegaltan? Ballinaan
dubbiftoota Burqaaf nuu ibsituu obbo Galaasaa?
Fuula -12-

Obbo
Galaasaa Dilboo
Kutaan Eenyu turan
jedhamu keessattis Obbo Jaatanii Alii fi iciitii ajjeechaa
isaanii mata duree jedhuun barreeffamni dhihaate, seenaa obbo
Jaatanii Alii fi gochaa mootummaa wayyaanee gad fageenyaan kan
ilaaluudha. Akkasumas burqaan fuulota afurtamanuu isaa keessatti
mata duree adda addaa jalatti qophee adda addaa qabatee
dhihaateera. Har’uma itti maammiloomaatii odeessii yeroo fi
qabatamaa ta’e argadha. Burqaa dubbisuunis guddinaa fi dagaagina
afaan Oromoof hirmaannaa keessan ba’a

Obbo
Jaatanii Alii
|