| Home | About us | Subscribe | Advertise with usBack IssuesFeedback | Shop |

| Internship |

Home
Subscribe
Advertise with us
Back Issues
About us
Feedback
Shop
Contact us

 

 

 

 

Related sites
Learn Qubee
Oromo Music
Oromo Singles
 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Vol 2 Issue 4

Hudhaa 2  Lakko 4

 

Onkololessa - Muddee 2005

(October - December 2005)

                            

Inside this issue:

 

Barruleen Burqaa Hudhaa 2 lakkoobsi 4ffaan kunoo magaalaarra oolee jira. Maxxansi kunis akkuma maxxansaalee Burqaa darbanii mata duree adda addaa jalatti dhiimmoota yeroo fi barbaachisoo ta’an irratti qiyyaafatee kan dhihaateedha.

 

"Hagaayya 27 bara 2005 magaalaa Washington DC Callithea Farm bakka jedhamutti hawwaasa Oromoo kumaatamaan lakkawamanii fi kutaalee Amerikaa adda addaa fi Canada irraa gaggeessaa obbo Siisay Ibsaa irratti argamuufdhufuu isaanii yeroon argu dhugumaan obbo Sisaay bara jireenya isaanii keessatti dhimma Oromooirratti rarra’anii hojii guddaa kan hojjetanii fi dhamaatii isaanii kanaanis kabajaa fi raajeffannaa guddaa kan buufatanii maqaa isaanii boollaa ol taasifatanii darban ta’uu isaaniin hubadhe"

 Fuula -27-

 

 

               

Maxxansa keenya darbe irratti mata duree nuti filanne “Bitaan Yaabanis
Mirgaan, Walgahi kooraa dhuma!” kan jedhu namoota baayyee kan yaachise, aarsee
fi irratti wal falmisiise fakkaata. Dhimma kana ilaalchisee xalayaaleen nu
qaqqaban bakka guddaa qabu…
 

Fuula -5-

 

 

Fesitvaaliin Hawwaasa Oromoo Kaaba Amerikaa Waashington Dcti bara kana
ta’e maakl fakkaata ture? Maxxansi kun deebii isaa qabatee jira.
 

Fuula -15-

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Baafata

ODUU..................................................3
Xalayaalee...........................................4

Gola kitaabotaa....................................8

Ilaalcha..............................................12

Og-barruu...........................................18
Aadaa.................................................20

Siyaasa Oromoo ..................................22
Goota Biyyaa........................................27

 

 

 

 

“Waggaa 8 ykn 9 har’aa yeroo ONC reef bu’uureffame, namni baayyeen bulguun nutti dhufaa jira, saba Oromoo nama balleessutu nutti dhufaa jira jedhee balbala cufatee taa’aa ture. Balbala sana ammo saaqsisuuf yennaa itti dubbattu, nammi keenya yeroo baayyee idduma ture sana tura, yaada gala hin galfatu” Dr. Marara Guddina
                 Fuula -22-

 

 

 

“Ummatni aadaa walcaalmaarratti hundaa’e qabu, kan sirna malbulchiinsaa walcaalmaarratti hundaa’een geggeeffamu, sirna walcaalamarratti hundaa’e sana keessaa bahee gara sirna walqixxummaarratti hundaa’eetti ce’uunii fi ittiin of-bulchuun hedduu itti ulfaata. Ummatootni aadaan dimokraasii calaqqee isaanii tahe, raacita aadaa dimookraasii waan aadaa ofii keessatti qabaniif jecha, sirna malbulchiinsa dimookratwaa tahe bu’uureffachuu fi ittiin of-bulchuurratti cehumsa salphaa fi gababaa tahe keessa darbuu danda’u.” Dr Bayisaa Lemuu

 Fuula -20-

 

Deemsi qabsoo bilisummaa Oromoo bakka amma jiru irraa jabaateefuula duratti
akka sosso’uu danda’amuuf maal gochuu qabna? Barreeffamni mata duree THE
CURRENT STATE OF OROMO POLITICS: WHAT SHOULD BE DONE ABOUT IT? Jedhuun Dr
Asaffaa Jaallatan barreeffamee Waldaa Qorannaa Oromoo irratti mareef dhihaate,
Burqaanis mareef dhiheessee jira. Akkasumas Sochii Bilisummaa Ummata Kibba
Sudan, John Garangii fi Dirmannaa Warra Dhihaa mata duree jedhu jalatti
Barreeffamni biraa Dr Asaffaan dhihaate, ijoo dubbii baayyee kan of keessatti
qabateedha.
 Fuula -12-

 

 

 

Gola Kitaabotaa keessatti Dr Xilahun Gamtaa fi kitaabni isaanii
Galmee Afaan Oromoo fi Ingilizii Barsiisu (Comprehensive
Oromo-English-Dictionary) Keessuumaa keenya maxxansa kanaati. Dr Xilahun waa’ee
kitaaba isaanii isa haaraa kana nuuf ibsuutti dabalee, waa’ee guddinaa fi
dagaagina Afaan Oromoo irrattis waan baayyee jedhu...
Fuula -8-
 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

HomeAbout us | Subscribe | Advertise with usBack IssuesFeedback l Shop |