| Home | About us | Subscribe | Advertise with usBack IssuesFeedback | Shop |

 
   
Home
Subscribe
Advertise with us
Back Issues
About us
Feedback
Shop
Contact us
 

 

 

 

 

Related sites
Learn Qubee
Oromo Music
Oromo Singles
 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Vol 3 Issue 2

April - June 2006

 

Inside this issue:  

Baafata

Xalayaalee.....................................2
Oromia baatii 3n darban keessa.......6
Gola Kitaabotaa..............................8
Ilaalcha.........................................12

Oromoo fi dargaggoota...................15
Goota biyyaa..................................16
Adurreen keessa bineensa...............18
 

Walaloonii fi barreeffamni adda addaas kessatti hammatamee jira.

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

Barruleen Burqaa Hudhaa 3 lakkoobsi 2ffaan magaalaarra jira. Maxxansi kunis akkuma maxxansaalee Burqaa darbanii mata duree adda addaa jalatti haala qabatamaa qabsoon bilisummaa Oromoo keessaa alaa irra jiru irratti qiyyaafatee kan qophaa’ee dha. Maxxansi kun ijoo dubbii qabatee ba’e keessaas kan armaan gadii muraasa.

"Oromia baatii sadan darbanitti"

Mata duree jedhu jalatti barreeffamni suuraan deeggaramee gabaasaa Burqaa irraa Finfinneetii nu ga’e, haala Oromoo fi Oromian baatii sadan darban keessa keessa turanii fi jiran gad fageenyaan agarsiisa. Diddaan fincilli garbummaas sadarkaa inni irra ga’ee jiru qabatamaan isinitti mul’isa.

 

Obbo Odaa Xasee

 

Barattoota Oromoo Hiriira irratti

Fincila ummataa kana boodaan sagaleen Waraana Bilisummaa Oromoo dhaga’amuu dhabuun maalif? Fincilli Ummataa Qawween yoo hin deeggaramneef hangam deemuu dada’a? Dhimma Fincila diddaa garbummaa biyya keessaa deemaa jiruun wal qabatee, gaaffilee murteessaa ta’an muraasaaf deebii akka nuuf kennaniif , Miseensa GS ABO fi itti Gaafatamaa Birkii Beeysisa Alaa ABO kan ta’an obbo Odaa Xasee waliin gaaffii fi deebii gabaabaa nuti goones gaaffilee adda addaa sammuu keessa isin naanna’aniif deebisa ta’a jennee abdanna. Guutummaa isaa dubbisuuf as xuqaa

 

 

 

 

 

 

 

Goota Oromoo

Mata duree Goota Oromoo jedhu jalatti Seenaan J. Waaqoo Guutuu, Dr Mahammed Hasaniin qophaa’ee jirus, J. Waaquu guutuu deemsa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti gahee isaan qabaatan, Isa isaan keessa turanii fi keessa darban, hawwii fi fedha isaanii gad fageenyaan hubannaa isiniif kenna. Waa’ee J. Waaqaa ilaalchisee akkas jedhu Dr Mohammed

 

Jeneraal Waaqoo Guutuu nama qabsoof dhalatan fakkaatu. Qabsoof jecha qabsicha keessa jiraatani. Qabsichis eenyummaa isaanii isa dhugaa qaree, eenyummaa isaaniif hika kennee, qulqullina dandeettii isaan lammii isaanii geggeessuuf qaban mirkanneesse. Jeneraal Waaqoon walabummaa mararfachuu irraa kan ka’e jireenya isaanii harka caalaa walabummaa saba Oromoof gummachani. Kaayoon isaanii inni guddaan saba Oromoo hacuuccaa gabroomfattootaa, saamamuu qabeenyaa, fi ukkaamamuu mirga fi haqaa irraa baraaruu ture... Itti fufa

 

Kutaa Ilaalcha jedhu jalatti "Yeroon ammaa Seena –Qabeessa" Mata duree jedhu jalatti barreeffamni obbo Leencoo Lataan nuuf dhihaate, Yeroo seena qabeessa akkasii keessatti tokkoon tokkoon Oromoo irraa maal akka eegamuu fi walii gala deemsa qabsoo keenyaa irratti xiyyaafatee kan dhihaatee dha. Akkas jedhu:

 

"...Fincilli kun baatiiwwaniif deemuun isaa, yeroon ammaa seena-qabeessa ta’uu mirkaneessa. Ummanni keenyas aadaa demokraatawaa abbootii isaa hangam akka yaadatuu fi deebisee gadi dhaabuudhaaf akka dharra’u ifa baase. Kun nama boonsa. Guddaas nama gammachiisa.

 

Cillaaffannaan nama gaddisiisanii fi nama qaanfachiisanis yeroo ammaa kanatti mul’achaa akka jiran wal hubachiisuun barbaachisaa dha. Yeroo ummanni keenya sirna ol aantummaa Habashaa dhabamsiisuu irratti bobba’ee jiru kanatti, murnoonni Oromoo garii cillaaffannaa faallaa mul’isaa jiru.Qabsoo wareegama Oromoota hedduutiin belbelaa jiru kana "hogganuu kan danda’u ana malee hin jiru" jedhanii wal dorgomaa jiru. Qabsichatti yaadaan, beeladaadhaan, hamileedhaan gumaachaa hin jiran. Afaaniin qofa of dhaadanii hogganummaa qabsoo kanaa booji’uu irratti qofa fuula deebifatanii jiru. Akkanaanis tokkumma ummanni wareegama gudddaadhaan mirkaneessaa jiru diiguu irratti bobba’aa.....

Kutaa "Gola Kitaabotaa"

jalatti Kitaaba The Oromo: An Ancient People, Great African nation mata duree jedhuun afaan Faransayiin waggaa 105 dura maxxanfamee dhiheenya Dr Ayelew Kannon afaan Ingiliziitti hiikamee maxxanfamee ba’e filannee jirra. Dr Ayelew kitaaba kana ilaalchisee ijoo dubbii isaa waliin wal isin barsiisu. Itti fufa

 

 

 

Oromomummaa fi Dargaggoota Oromoo

mata duree jedhu jalatti barreeffamni Dr Asaffaa Jaallataan nuuf dhihaate, madaa fi Madoo mata duree jedhu jalatti barreeffamni Asoosamaa kutaa 2ffaa obbo Baaruu Bayisaan dhihaatee fi kan biro baayyenis maxxansa Burqaa fuula afurtamaanuu keessatti bakka isaanii qabatanii qinda’anii isin bira ga’uuf karaarra jiru.

 

Kanaafuu namoonni maxxansa kana dhuunfatti argachuufis ta’e fuutanii namoota naannoo keessan jiraniin nuuf ga’uu barabaaddan har’uma nuuf barreessa.

 

Quba qabaadhaa! Burqaan yeroo ammaa kanatti maxxansa dhimma Oromoo irratti hundaa’ee afaan Oromoon ba’u isa tokkicha. Maxxansi kunis kanin umurii guutuu jiraachuu danda’u yoo isin itti hirmaattan qofaa dha. Itti fufa

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

"Adurreen Keessa Bineensa"

 Mata duree jedhu jalatti haala Empayera Ethiopia waggoota 14n darbanii ilaalchisee barreeffamni kutaa 2ffaa obbo Zalaalem Gammachuun dhihaate ijoo dubbii baayyee qabatee kan as ba’ee dha. Barreffama kana kutaa jalqabaa keessatti warri amma CUD jedhamanii as ba’an akkaataa isaan dinagdeen of ijaaraa turan irratti kan qiyyaafatee ture yoo ta’u kutaa inni lammaffaa kun ammo, Jaroonni kun waggoota kurnan darbaniif akkaataa isaan itti maqaa NPO/ NGO adda addaan of ijaaranii idda isaanii lafa keessa na qachaa turanii fi NPO?NGOn kun eenyu akka isaan ta’anii fi eenyufaan akka bu’ureeffaman, isa kanaanis bu’aa maalii akka isaan irraa argachaa turan gad fagenyaan kan ilaaluu

 

Kutaa "Goota Biyyaa/ Eenyu Turan/ jedhu jalatti "Lieutenant Mamo Mazamir(1936-1969) Amilitant Oromo Nationalist" mata duree jedhuun seenaan Ajejaa dhibbaa Maammoo Mazamir Dr Mahammed Hasaniin dhihaate, waa’ee Goota Oromoo kanaa qorannoo gad fagoo qabatee jira. Itti fufa

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

HomeAbout us | Subscribe | Advertise with usBack IssuesFeedback l Shop |